Ogeeyyiin yaala fayyaa Chaayinaa Ityoophiyaa galan

Finfinnee, Eebila 8, 2012 (FBC)- Tattaaffii Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasiftu deeggaruuf ogeeyyii yaala fayyaa Chaayinaa Ityoophiyaa galaniiru.

Ogeeyyiin yaala fayyaa kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’anitti Ministirri Ministeera Fayya Dooktar Liyaa Taaddasaa simannaa taasisaniiru.

Ogeeyyiin yaalaa kunneen muuxxannoo yaalaa fi weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi too’achuuf qajeelfamaa fi teeknikoota dhaabbiilee fayyaaf qooduufi jedhameera.

Chaayinaan dabalataan ogeeyyii kanneen gara Burkiinaafaasoottis erguun ishee ibsameera.

Chaayinaan hariiroo cimaa Afrikaa waliin qabaachuu ishee kan ibsan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Zihoo Liijaa’an, ardichatti weerara dhibichaa ittisuu fi to’achuuf hojiilee hojjetamaa jiran kan deeggaran ta’uu himaniiru.

Tsaggaayee Nigustu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment