Ogeeyyiin Tajaajila Elektirikaa 3 wayita matta’aa fudhatan harkaa fi harkatti to’ataman

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC) – Kutaa magaalaa Addis Katamaatti Ogeeyyiin Tajaajila Elektirikaa 3 wayita matta’aa fudhatan harkaa fi harkatti to’atamuu Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
Ogeeyyiin karaa seeraan alaa lakkooftuu Tajaajila Elektirikaa nama dhuunfaarraa humna kutuun mattaa’aa fudhachuuf turan harkaa fi harkatti to’atamuu isaanii ibsameera.
Kutaa magaalichaa aanaa 6 iddoo addaa Barandaa Ashaboo jedhamutti shakkamtoonni kunneen gara mana nama dhuunfaa deemuun Lakkooftuu qorachuu fi lakkaa’uuf dhufne jechuun erga seenaanii booda Lakkooftichi Birrii kuma 33 lakkaa’eera jedhuun miidhamaatti himuu isaanii ibsameera.
Humna siif eeyyamame caalaa fayyadamteera jechuun humni lakkooftuwwan lamaa akka adda citu taasiisuu isaanii Qajeelcha Poolisii Kutaa magaalaa Addis Katamaatti Itti gaafatamaan Qindeessaa Qorannoo yakkaa Itti aanaan Inispeektaraa Issuubaalaw Geetinnat ibsaniiru.
Ogeeyyiin kunneen Birrii kuma 15 mattaa’aa yoo laateef rakkicha kan sirreessan ta’u miidhamaa dhuunfatti kan himan yoo ta’uu, namni dhuunfaan kun Birrii hanga kanaa kan hin qabne ta’uu ibsuun, kuma 10 kennuuf erga walii galanii boodaa ammaaf Birrii kuma 5 wayita fudhatan harkaa fi harkatti to’atamuu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment