Ogeeyyiin miidiyaa haala walsimeen marii biyyaalessaaf gumaachuu akka qaban akeekame

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2016 (FBC)- Ogeeyyiin miidiyaa haala walsimeen bu’aa qabeessummaa marii biyyaalessaaf gumaachuu akka qaban Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroefeesar Masfiin Ar’ayaan akeekan.

Waltajjiin marii fi leenjii koomiishinichi ogeeyyii miidiyaaf kennaa ture xumurameera.

Pirofeesar Masfiin waltajjicharratti, ogeeyyiin miidiyaa waltajjiiwwan akkanaarratti hirmaachuun marii biyyaalessaarratti hubannoo qaban cimsuuf faayida qabeessa ta’uu kaasan.

Ogeeyyiin kunneen hojii miidiyaa walsimaa ta’e cimsuun bu’aa qabeessummaa marichaaf gumaachaa taasisuu akka qaban akeekaniiru.

Hanga ammaattis hirmaannaa taasisaniif galateeffatanii, gaaffiilee gaazexeessonni kaasaniif deebii fi ibsa bal’aa kennaniiru.

Waltajjicharratti ogeeyyiin miidiyaa fi hoggansi dhaabbilee miidiyaa biyya keessaa fi alaa 40 olirraa baba’an 100 hirmaachuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment