Ogeeyyiin miidiyaa adeemsa Maree biyyaalessaa keessatti gumaacha taasiisaan cimsanii akka itti fufan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2016 (FBC) – Ogeeyyiin miidiyaa Adeemsa Maree biyyaalessaa keessatti gumaacha taasiisaan cimsanii akka itti fufan Komishiniin Maree Biyyaalessaa waamicha dhiyeesse.

Komishinichi ogeeyyii miidiyaaf leenjii kennaa jira.

Komishinarri Komishinii Maree Biyyaalessaa Ambaasaaddar Mahaammad Diriir Ogeeyyiin miidiyaa Adeemsa Maree biyyaalessaa keessatti gumaacha taasiisaan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Marichi akka milkaa’u gahee bahaataa jiraniif galateeffataniiru.

Maree biyyaalessaa yeroo itti aanu gaggeeffamu milkeessuuf qooda isaanii sirnaan akka bahan waamicha dhiyeessaniiru.

Waltajjiin gaggeeffamaa jiru ogeeyyiin miidiyaalee hubannoo maree biyyaalessaarratti qaban caalmaatti akka gabbifataniif kaayyeffamee ta’uu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment