Ogeeyyiin kominikeeshinii odeeffannoo waqtaawaa saffisaan hawaasaan ga’uu qabu jedhame

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) –Ogeeyyiin kominikeeshinii qaawwaa odeeffannoo adda baasuun haala bilchina qabuun odeeffannoo waqtaawaa saffisaan hawaasaan ga’uu qabu jedhame.

Hoggantoonni fi ogeeyyiin kominikeeshinii dhaabbilee magaalaa Finfinnee garaagaraarraa walitti babba’an Giddugala Leenjii Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti leenjii fudhachaa jiru.

Leenjichi oggeeyyii fi hoggansa  kominikeeshinii ga’umsaa fi dandettii qabu uumuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Hoggantoonnii fi ogeeyyiin kominikeeshinii magaalichaa 400 ol marsaa garaagaraan leenjicha akka fudhatan kan taasifamu ta’uu Biiroo Kominikeeshinii magaalaa Finfinneetti hogganaan Damee sabquunnamtii fi leenjii obbo Huseen Zinaab ibsaniiru.

Leenjichi odeeffannoo waqtaawaa gaaffii fi komii uummataarratti xiyyeeffate deebisuu kan dandeessisuu fi qaamolee uummata burjaajessuuf yaalan ittisuu kan danda’u caasaa kominikeeshinii uumuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Leenjichi guyyoota walitti aanan 7’f kan kennamu ta’uu ibsameera

Leenjichi kan qophaa’e akkaataa waliigaltee Giddugalli Leenjii Faanaa Broodkaastiing Korporeetii fi Biiroon kominikeeshinii Magaalaa Finfinnee waliif mallatteessaniin ta’uu eerameera.

Zabiib Taklaayitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment