Ogeeyyiin Israa’eel hojii weerara Awwaanisaa ittisuuf deeggaran Finfinnee galan

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)- Hojii weerara Awwaannisaa ittisuuf Ityoophiyaaf deggarsa kan taasisaan Ogeeyyiin Israa’eel har’a Finfinnee galaniiru.

Ogeeyyin kunneen Ityoophiyaatti hojii tamsa’ina weerara Awwaannisaa ittisuuf  tumsaa kan taasisanidha jedhameera.

Torbe lamaan dhufaanitti turtii isaanii Ityoophiyaa kan taasisaan ogeeyyiin kunneen ogeeyyiwwan Ityoophiyaa 200 ta’aaniif maloota ittisaa hoomaa awwaanisaarratti leenjii ni laatuuf jedhameera.

Itti aanaa Ministirri Ministeera Nageenyaa Israa’eel Gaadii Yivaarkaan turtii Ityoophiyaatti taasisaniin ogeeyyiin Israa’eel gara Ityoophiyaa akka dhufaan ibsuun isaanii ni yaadatama.

Gaadii Yivaarkaan turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin, muuxannoo ogeeyyii hojii ittisa hoomaa awwaanniisaarratti bobba’aanii  ni cimsaa jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment