Finfinnee, Adooleessa 20, 2013 (FBC) – Ogeeyyiin Fiilmii fi Tiyaatira Oromoo magaalaa Bishooftuutti biqiltuu dhaabaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Waajjirri Aadaa fi Turizimii Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu qopheesseerratti abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi jiraattoonni ganda Hara Haadhoo hirmaataniiru.
Hara Haadhoo hangafa haroowwan magaalaa Bishooftuutti argamuun biqiltuu dhaabuun keenya dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti raawwanneerra adda isa taasiisa jedhan hirmaattoonni kunneen.
Harichaaf eeggumsi barbaachisu kan taasiifamu Itti gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Turiizimii magaalaa Bishooftuu obbo Kibabaw Dabalaa himaniiru.
Abbaan muudaa Abbabaa Hayiluu gama isaaniin kunuunsa kana dura taasisaa turan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsuun,biqiltuu akka ilmoo keenyaatti kunuunsuu qabna jedhan.
Sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa har’aan biqiltuuwaan kumni 2 dhaabataniiru.
Addis Taammiraatiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.