Ogeeyyiin fayyaa Kuweet tajaajila baqaqsanii wal’aanuu kennuu eegalan

Finfinnee, Hagayya 29, 2015 (FBC)- Gareen Ogeeyyi Fayyaa Kuweet Koolleejjii Fayyaa Miliniyamii Hospitaalaa Phaawuloosiitti guyyoota shaniif kan turu tajaajila baqaqsanii wal’aanuu kennuu eegalaniiru.

Tajaajilli wal’aansa tolaa kun lammiilee 200 ol fayyadamtoota akka taasisu eerameera.

Gorsa fi Qindeessan Gareen Ogeeyyii Wal’aansa Kuweet Dooktar Hishaam Burasqi akka ibsanitti, gareen wal’aansichaa Dooktaroota 20, Narsoota 11 fi Ogeeyyii Teekinikaa 3 kan hammateedha.

Garichi Hospitaalaa Phaawuloos waliin ta’uun har’arraa eegalee tajaajila bilisaa baqaqsanii wal’aanuu waliigalaa hanga wal’aasa ispeeshaalittitti kan kennu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Ittaanaan Hogganaa Koolleejji Fayyaa Hospitaalaa Phawuloos Dooktar Wulataa Caannee, gareen ogeeyyii kanneeniif kutaaleen baqaqsanii wal’aanuu gahaan qopheeffamuun, hojichas sirnaan gaggeessaa jiraachuu eeraniiru.

Kunis hojiilee koolleejjichaa kan tumsu ta’uu himan.

Gareen ogeeyyii kunneen muuxannoo waljijjiirraa beekumsaa fi ogummaa taasisuuf carraa olaanaa kan uumuu ta’uu himuun, fuuldurattis hariiroo jiru cimsuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment