Finfinnee, Amajjii 5, 2015 (FBC) – Ogeeyyiin Aartii dargaggoota namuusa gaarii qabanii fi aadaa isaanii kabajan horachuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad ibsan.
Obbo Musxafeen ogeeyyii aartii waliin mari’ataniiru.
Ogeeyyiin aartii aadaa naannichaa eeguu fi beeksiisuu akkasumas Muuziqaa fi Aadaan akka guddatu hojiilee jajjabeessaa hojjechuu isaanii kaasaniiru.
Dargaggoota namuusa gaarii qaban horachuu fi barmaatilee miidhaa qaqqabsiisan ittisuuf hojii hubannoo uumuu keessatti qooda isaanii akka ba’an gaafataniiru.
Nageenya waaraa mirkaneessuu fi walitti dhufeenya ummataa cimsuuf ogeeyyiin aartii qindoominaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.