Ogeeyyii Fayyaa Humna Qilleensaa wayita duulaa birmadummaa biyyaa miidhamtoota kunuunsan galatatu malaaf-L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Ogeeyyii Fayyaa Humna Qilleensaa loltoota wayita duula birmadummaa biyyaa madaa’an kunuunsuu fi hordoffii wal’aansaa barbaachisaa taasisuun itti gaafatama isaanii ga’umsaan bahatan galatatu malaaf jechuun Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetenaala Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan.

Humna Qilleensaatti Qajeelchi Fayyaa Hospitaala Sadarkaa 3ffaa, wayita duulaa birmadummaa biyyaa ogeeyyii fayyaa dirqama isaanii ga’umsaan bahatanii fi qaamolee deeggartootaaf sagantaan beekamtii kennuu gaggeeffameera.

Saganticharratti Ajajaan Olaanaa Humna Qillensaa Letenaal Jeneraal Yimaa Madaasaa, gootota Ityoophiyaa diigumsarraa baraaruuf dirqamarra utuu jiranii madaa’an kunuunsaa fi hordoffii wal’aansaa barbaachisaa taasisuun itti gaafatama isaanii ga’umsaan bahatan galateeffataniiru.

Qajeelfama qabeenyaa muraasa, humnaa fi beekumsa jijjiirama olaanaaf tattafachuu jedhuun hojiilee Giddugallii Fayyaa Humna Qilleensaa hojjete fakkeenya ta’uu eeraniiru.

Ogeeyyii fayyaa fi qaamolee deegartootaa wayita duulichaatti gootota miidhaan irra ga’ee wal’aansaa fi hordoffii taasisan, ergama isaanii amanamummaan waan bahataniif galatatu malaaf jedhaniiru.

Ittigaafatamaan Qajeelcha Fayyaa Humna Qilleensaa Birgaader Jeneraal Daadhii Asfawuu gama isaaniin, haala mijataa riifoormii dhaabbatummaan uumeemetti fayyadamuun fayyummaa miseensotaa fi maatii raayyaa ittisaa eeguun dirqama ga’umsaan bahachaa jiraachuu kaasaniiru.

Gurmaa’ina giddugala fayyaa humna qilleensichaa ammayeessuu irraa eegalee dandeettii ogeeyyii gama guddisuun bu’aa olaanaan galmaa’uu ibsaniiru.

Ogeeyyiin fi qaamolee deeggarsaa beekkamtiin kennameef yaada kennaniin, beekamtiin kennameef ergama isaanii ittaanuuf kan kakaasee fi haamilee uumuu ragaan Raayyaa Ittisarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment