Ogeeyyii damee suphaa daandii 19 irraa walitti babba’aniif leenjiin kenname

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Moosaajii sirna qabeenya bulchiinsa daandiirratti ogeeyyii damee suphaa daandii 19 irraa walitti babba’aniif leenjiin kennameera.
Biiroo Daandii fi Leejistiksii Oromiyaatti itti aanaa hogganaan Biirichaa fi Itti Gaafatamaan damee bulchiinsa daandiiwwan Oromiyaa Injiineer Taammanee Taaddasee, daandiwwan Oromiyaa keessa jiran yeroo yeroon suphaa akka argataniif teeknoloojiin deeggaruun murteessaa waan ta’eef ogeesyyii damee suphaa 19 irra jiraniif leenjiin kennameera jedhan.
Teeknooloojiin kun daandiwwan harkaa qabnu karaa salphaan suphaa gaggeessuuf gargaara jedhaniiru.
Dabalataan faayidaan teeknooloojii kanaa baajata isa barbaachisu qabuu, daandiin dursa suphaa barbaadu kami kan jedhu adda baasuu fi baajata qabameef qisaasa’ina malee hojiirra oolchuuf gargaara jedhan.
Gama biraatiin teeknoloojiin kun daataa beez keessa galee odeeffannoo daandiwwan Oromiyaa keessa jiranii adda baasuuf gargaara jedhanirru.
Baayiluu Baaneetu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment