Ogeeyyi damee fayyaa hojmaataa qorannoon deeggaramaniin tumsuun damechaaf faayidaa olaanaa qaba-Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Sadaasa 2, 2015 (FBC)–Hojmaata qorannoon deeggaraman diriirsuun ogeeyyi damee fayyaa tumsuun bu’aa qabeessummaa damechaaf faayidaan qabaatu olaanaadha jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan.

Dameen Fayyaa misoomaa qabeenyaa namaa, bulchiinsaa fi ga’umsa dandeettii qorannoon deeggaruun fooyyessuuf waltajjii marii gaggeesseera.

Waltajjicharratti Dooktar Liyaan, damecharratti ogeeyyii bobba’an hojmaata qorannoon deeggaramaniin tumsuun milkaa’ina waliingahiinsaa fayyaa fi guddina biyyaalessaa saffisiisuuf gahee olaanaa akka qabaatu ibsan.

Waggoottan sadan darbanitti biyyoonni galii gadaanaa fi giddugaleessaa qaban sababa weerara garaagaraan ogeeyyiirratti dhiibban umamee ulfaataa akka ture beeksisaniiru.

Kanaanis tajaajilarratti kanneen bobba’an ogeeyyiin damee fayyaa adda durummaan hirmaachuun hojii isaaniif deeggarsa garaagaraan tumsuuf hojmaata diriirsuun jajjabeessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Waltajjicharratti Baankii Addunyaatti Daayrektarri Ityoophiya, Eertiraa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaa Osmaan Diyoon gama isaaniin, Baankiin Addunyaa ogeeyyii damee fayyaa tumsuuf hojiilee hojjetuuf deeggarsaa teekinikaa fi faayinaansii akka taasisu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment