Ogeessi Waajjira Misooma Lafaa hamma tilmaama Beenyaa nan dabala jechuun matta’aa fudhate to’atame

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC) – Ogeessi Waajjira Misooma Lafaa hamma tilmaama Beenyaa nan dabala jechuun matta’aa fudhate to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibse.

Kutaa magaalaa Qiirqoositti Ogeessii tilmaama Beenyaa fi Bakka Bu’iinsaa Waajjira Misoomaa Lafaa hamma tilmaama Beenyaa olan isiniif kaasa jechuun matta’aa fudhate to’annoo jala ooluu ibsameera.

Ogeessi kun xaalayaa Bulchiinsi magaalichaa manni jireenyaa Kaaree Meetira 121 irra jiru misoomaaf waan barbaadamuuf iddicha gadi lakkisuu akka qabdan jechuun nama dhuunfaaf barreesse waan argeef nama dhuunfaa kanaan hamma tilmaama lafaa siifan guddisa jechuun Birrii kuma 700 matta’aa gaafachuu eerameera.

Himatamaan kun tilmaamni beenyaa Birrii miiliyoona 10 fi kuma 725 ol akka ta’u murtaa’uu ibsuun, abbaan dhimmichaa Birrii jedhame kana Akkaawuntii nama dhuunfaarratti akka galchu gaafateera.

Abbaan dhimmichaas Birrii gaafatame kana ammaatti laachuu akka hin dandeenyee fi wayita Birriin tilmaamame gadi lakkifame Birrii kuma 600 kan galchuuf ta’uu himuun,maallaqa harkaa qabu amma laachuuf beellama qabachuu isaanii poolisiin hordoffii gaggeessaa tureen bira ga’amuu ibseera.

Hordoffii taasifamaa tureen Eebla 18, 2015 ganama sa’aatii 5:00 irratti Doolaara Kaanaadaa Noottii abbaa dhibba 3 Birrii kuma 1 wayita matta’aa fudhachuuf turetti harkaaf harkatti to’atamuu Poolisiin ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment