Finfinnee, Sadaasa 24, 2015(FBC)- Ogeessi kenna tajaajila mootummaaf matta’aa Birrii miiliyoona 3fi kuma dhibba 5 gaafachuun Birrii miiliyoona 1fi kuma 5 fudhate to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu Poolisiin Magaalaa Finfinee beeksise.
Kutaa magaalaa Qiirqoositti ogeessa waliigaltee liizii lafaa kan ta’e obbo Faasil Awwaqaan itti gaafatamummaa isaa dahoo godhachuun tajaajilamaa mana jireenyaa bitee kaartaasaa gara ofiitti naannessuuf deemerraa “manichi dhorkii jala jira dhorkicha kaaseen kaartaa bilisaa siif kenna” jechuun matta’aa Birrii miiliyoona 3fi kuma dhibba 5 gaafachuu poolisiin eereera.
Tajaajilamaan Birrii miiliyoona 1fi kuma dhibba 5 lakkoofsa herrega baankii shakkamtichaarra erga galcheefiin booda Birrii dabalataa miiliyoona 2 dabalee akka galchuuf erga gaafatameen dhimmicha poolisiif beeksisuun shakkamtichi to’annoo jala ooluu ibsameera.
Tajaajilamaan Birrii miiliyoona 1.5 lakkoofsa herrega baankii shakkamaarra galchuusaa qorannoon mirkanaa’uu poolisiin ifoomseera.
Hawaasni wayita tajaajila mootummaa argachuuf deemutti matta’aa yoo gaafatame qaama dhimmi ilaallatuuf eeruu akka kennu polisiin magaalichaa ergaasaa dabarseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.