Odeeffannoowwan sobaa filannoorratti rakkoo akka hin uumne hojjetamuu qaba- hayyoota

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Filannoo bara kana gaggeeffamuun walqabatee odeeffannoowwan sobaa miidiyaalee hawaasatiin tamsa’an rakkoo akka hin uumne hojjetamuu akka qabu hayyoonni himan.

Filannoo biyyoolessaa bara 2012rratti miidiyaaleen hawaasaa odeeffannoo sobaatin gufuu siyaasaa fi rakkoo nageenya lammiilee akka hin taane hojjetamuu qaba jedhaniiru hayyoonni Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turmaata taasisan.

Seerotaa ba’an hojiirra oolchuu, itti gaafatamummaa fi odeeffannoowwan sobaa adda baasuun lammiileef odeeffannoo dhugaa ariitiin qaqqabsiisuun dhimma yeroo hin laanne jedhan.

Qorattoonni dhimma nageenyaa Seenegaal, Aljeeriyaa, Chaadii fi Xaaliyaan, waggoottan dhiyoo asitti filannoo biyyoota garaagaraatti gaggeeffameen odeeffannoowwan sobaa miidiyaalee hawaasatiin tamsa’aniin dhiibbaa guddaa uumuun darbuu ibsaniiruu.

Ityoophiyaanis filannoo biyyoolessaa bara 2012tin rakkoon biyyoota kanneenitti mudate akka ishee hin mudanne muuxannoo fudhachuu qabdiin dhaamaniiru.

Qorataan dhimma nageenyaa lammii Seenegaal Eeriik Fuwaad, odeeffannoo sobaa tamsa’an ittisuuf tattaaffiin miidiyaalee idilee murteessaa ta’uu ibsu.

Qorataan lammii Aljeeriyaa Hamdaan Burjaa gama isaanitiin , odeeffannoo sobaa wayita arginutti dhugaa isaa baruuf dhama’uu qabna jechuun ibsaniiru.

Mootummaan seera baasurra darbee hojiirra oolchuu, hoji raawwachiistonnis odeeffannoo sobaa to’achuuf ciminaan hojjechuu akka qaban himaniiru.

Odeeffannoowwan sobaa ittisuun kan danda’amu marii taasisuun iftoomina uumuun ta’uu ogeessi dhimma nageenyaa lammii Xaaliyaan Penaanizoon dubbataniiru.

Lammiin Chaad Kileemaa Aboofatiim, odeeffannoowwan sobaa sammuu namoota hedduu miidhaa jiraachuu ibsu.

Silaabbaat Maannaayyeetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment