Odeeffannoowwan qonnaa dijitaalawaa taasisuuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC)- Inistitiyuutiin ce’umsa qonnaa Itiyoophiyaa “Green Agro Solution” Walda Dhuunfaa Itti Gaafatamni Isaa Murtaa’e waliin odeeffannoowwan qonnaa dijitaalessuuf waliigaltee dandeessisu mallatteessaniiru.

Waliigaltechas Daayrektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Dooktar Maandaafiroo Nugusee fi Hoji Gaggeessaa Waldichaa Abirahaam Indiriyaas mallatteessaniiru.

Bu’uura waliigaltechaan odeeffannoowwan qonnaa bifa sanadaan ol kaa’uu, dabarsuu fi qonnaan bultoonni odeeffannoowwan gabaa salphaatti akka argataan kan taasisuudha jedhameera.

Waliigaltechi waggoota sadiif kan turu yoo ta’u, qonnaan bultoota qabiyyee gadaanaa qabaniif tajaajilicha kennuuf kan dandeessisuudha jedhameera.

Naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Somaalee, Tigraay, Sidaamaa, Kibba Ityoophiyaa fi giddugaleessa Ityoophiyaa keessatti aanaalee argaman 150’tti hojiirraa kan oolfamu ta’uun ibsameera.

Odeeffannoowwan qonnaa dijitaalessuuf hojiilee hojjetamaniin dargaggoota kuma 82’f leenjiin kan kennamu ta’u TOI gabaaseera.

Sarara bilbila bilisaa Inistiitiyuutii Ce’umsa Qonna Ityoophiyaa 8028, tajaajilaa odeeffannoo qonnaa biyyaalessaa /NMIS/ fi appilikeeshinii qonna dijitaalaa tajaajila giddugala tokkoon odeeffannoowwan kanneen dhaqqabsiisuuf kan hojjetamu ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment