Odeeffannoon qormaanni kutaa 12ffaa onlaayiniin kennamu hafe jechuun miidiyaalee hawaasummaan tatamsa’aa jiru olola sobaati -Ministeericha

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2016 (FBC) – Qormaanni biyyalessaa kutaa 12ffaa Waraqaa fi Onlaayiniin kan kennamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Odeeffannoon qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa onlaayiniin kennamu hafeera jechuun miidiyaalee hawaasummaan tatamsa’aa jiru olola sobaa ta’uu Ministeerri Barnootaa hubachiiseera.

Qormaanni biyyalessaa kutaa 12ffaa haaluma karooraan Waraqaa fi Onlaayiniin kan kennamu ta’uu hubachuun barattoonni qophii taasiisan akka itti fufan yaadachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment