Odeeffannoon Hidhaan Takkazee Boombiiin haleellame jedhu soba ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) – Odeeffannoon Hidhaan Takkazee Boombiin haleellame jechuun tatamsaa’aa jiru soba ta’uu koreen qulqulleessa ragaa labsii yeroo ariifchiisaa beeksise.
Koreen qulqulleessa ragaa labsii yeroo ariifchiisaa hidhaan Takkazee akkuma hidhaalee biroo mootummaan federaalaan kan bulu ta’uu ibsuun , gareen finxaaleyyii ABUT guyyaa shan dura poolisoota hidhicha eegaa turanirratti haleellaa raawwachuu eeraniiru.
Hammi miseensoota poolisii miidhaan irra qaqqabee hanga ammaatti beekkamuu baatus, miseensoonni Poolisii 11 sa’aatii 14f miilan imaluun magaalaa Matammaa galuu isaanii koreen kun ifoomseera.
Yaa ta’uutii gareen Finxaaleyyii ABUT miseensoota Poolisii Federaalaarratti haleellaa erga raawwate hidhicha to’achuu gama Aktiiviistoota isaaniin ibsamaa turuu eerrameera.
Hidhaan bishaaniin guutamee jiru kun Boombiin rukutamnaan bishaan keessaa ba’u miidhaan qaqqabsiisu daraan cimaa ta’a ture jedha Koreen qulqulleessa ragaa labsii yeroo ariifchiisaa ibsa laateen.
Kanaaf hidhaan Takkazee Boombiin haleellame jechuun odeeffannoon tatamsa’aa jiru soba ta’uu koreen kun ibseera.
Gareen ABUT sobaan ummata burjaajeessuuf tattaafiin taasiisu itti fufu korichi eereera.
Odeeffannoo sobaa gareen kun tatamsaa jiru kana qaamni hundi hubachuu akka qabu waamicha dhiyaateera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment