Odeeffannoon bulchiinsi magaalichaa ‘mana barumsaa Yaareed diiguufi’ jechuun tamsaa’aa jiru olola sobaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 25, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee odeeffannoon ‘Manni Barumsaa Yaareed diiggamuuufi’ jechuun tamsaa’aa jiru olola sobaa ta’uu beeksise.

Qaamoleen tokko tokko irra deddeebiin odeeffannoo sobaan hawaasa burjaajessaa jiraachuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee fuula miidiyaa hawaasummaa isaan ibseera.

Torbee kanas ‘Manni Barumsaa Buleessi Muuziqaa Yaareed diiggamuufi’ jechuun odeeffannoon hawaasa burjaajessu tamsaa’aa jiraachuu himeera.

Yaa ta’uutii gama bulchiinsa magaalichaan yaadni mana barumsichaa diiguu kan hin jirre ta’uu fi odeeffannoon tamsaa’aa jirus dhugaarraa kan fageete ta’uu beeksiseera.

Ummanni qaamolee odeeffannoo bu’uura hin qabneen hawaasaa burjaajeessan kanneen saaxiluun qooda isaanii ba’uu akka qaba bulchiinsi magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment