Finfinnee, Caamsaa 24, 2013 (FBC) – Odeeffannoo sobaa tamsaasuun hawaasaa burjaajessuun fudhatama kan hin qabne ta’uu Paartiin Badhaadhinaa beeksise.
Paartiin Badhaadhinaa odeeffannoo sobaa miidiyaalee garaagaraan tatamsa’aa jiru ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laateera.
Odeeffannoon Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa irraa miliqee ba’e fakkeessuun sagalee preezdaantii Paartii Badhaadhinaa Dooktar Abiy Ahimad fayyadamuun miidiyaaleen tatamsa’aa jiru odeeffannoo sobaa ta’uu Itti gaafatamaan Damee sab quunnamtii Ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa ibsaniiru.
Odeeffannichi haasawa Dooktar Abiy waltajjii garagaraa irratti taasiisan walitti fiduun ta’ee jedhame hawaasaa burjaajessuuf kan qophaa’e ta’uu eeraniiru.
Biyyattii keessatti odeeffannoo sobaa fi jechoota jibbinsaan wal qabatee jiru to’achuuf erga labsiin ba’ee fooyya’iinsi jiraachuu dubbataniiru.
Yaa ta’uutii odeeffannoon yeroo ammaa tatamsaa’aa bu’uuraa fi madda hin qabne ta’uu kaasaniiru.
Shirri amma xaxamaa jirus hawaasa burjaajessuu fi amantaa uummanni mootummaarraa qabu hir’isuun biyyattii jeequuf hojii hojjetameedha jedhaniiru.
Hawaasni qaamolee guddina biyyattii hin barbaanneef gurra laachuu akka hin qabne hubachiisuu ragaan Fuula Paartii Badhaadhinaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.