Odeeffannoo sobaa babal’ataa jiru qolachuuf haalaa fi amala miidiyaa jabanaa sirnaan beekuun barbaachisaadha – Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2016 (FBC) -Odeeffannoo sobaa babal’ataa jiru qolachuuf haalaa fi amala miidiyaa jabanaa sirnaan beekuun barbaachisa ta’uu Itti Gaafatamaan Sab-Qunnamtii fi hariiroo Idil Addunyaa Paartii Badhaadhina Obbo Addisuu Araggaan ibsan.

Jilli Obbo Adam Faaraahiin durfamu fooramii paartilee siyaasaa Idil Addunyaa Raashiyaa Vilaadivostookitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataa jira.

Fooramicharratti Obbo Addisuun hasaawa taasiisaniin, yeroo ammaa odeeffannoowwan qabatamaa hin taanee fi itti gaafatamummaan hanqatu bal’inaan tatamsa’aa jiraachuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan kanneen qolachuuf haalaa fi amala miidiyaa haaraa sirnaan beekuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Dhugummaa, Sirrummaa, amanamummaa fi iftoominaaf xiyyeeffannaa kennuun hojjachuun murteessaa ta’uu himaniiru.
ummanni dhugummaa odeeffannoowwan tamsa’anii akkasumas fudhatamummaa madda odeeffannichaa adda baafachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Akkaataa mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu kabajeen hammattoo gaafatamummaa seeraa odeeffannoo sobaa qolachuu dandeessisan hojiirra oolchuunis barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Imaamanni Itiyoophiyaa dijitaalaa sabdaneessummaa giddugaleessa kan godhate, hawaasa hunda kan hirmaachisee fi Itiyoophiyaa dijitaalaa ijaaruu kan dandeesisuu ta’uus himuu TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment