Odeeffannoo dogoggoraa Gibts Hidha Haaromsaarratti dhageessisaa jirtu jijjiirruuf hojiin diippiloomaasii cimaa ta’e hojjetamuu qaba

Finfinnee, Adoolessa 17, 2012 (FBC) – Odeeffannoo dogoggoraa Gibts Hidha Haaromsaarratti dhageessisaa jirtu jijjiirruuf hojiin diippiloomaasii cimaa ta’e hojjetamuu akka qabu himame.
Hidhaan Haaromsa Guddichi Ityoophiyaa humna maddisiisuun cinaatti siyyaasa  lageenii kan jijjiire ta’uu itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkooniin dubbataniiru.

Miseensonni koree hojii raawwachiiftuu Mana maree qindeessaa hirmaannaa ummataa Hidha Haaromsa Guddichi Ityoophiyaa walga’ii idilee isaanii gaggeessaniiru.

Waltajjii kanarratti raawwiin hojii hidhichaa fi hirmaannaa ummataa bara 2012 dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera.

Miseensonni koree hojii raawwachiiftuu Mana maree qindeessaa hirmaannaa ummataa kunneen odeffannoo dogoggoraa Gibts hidhicha ilaalchisuun dhageessisaa jirtu sirreessuuf hojiin diippiloomaasii cimaa ta’e hojjechuun kana barbaachisu ta’uu himaniiru.

Gibts hidhichi sodaa nageenyaa idila addunyaa ta’uu danda’a jechuun biyyoota Arabarraa deeggarsa argachuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiin Koomiiniikeeshiii waa’ee hidhichaa bifa gurmaa’ee fi qindaa’een durfamuun ejjennoo sirrii Ityoophiyaa addunyaaf ifoomsuuf hojjetamuu akka qabu kaasaniiru.

Akka muuxxannoon lageen daangaa ce’aa idil addunyaa muul’asanitti biyyoonni yaa’a gara olii jiran lageenirraa caalmaatti fayyadamoo ta’uu isaanii ragaaleen ni agarsiisa jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw ibsaniiru.

Laga Abbayyaarratti garuu kan ta’e faallaa kanaati jedhan.

Keessattuu Gibts ilaalcha anuma qofatu fayyadama jedhu qabaachuun ishee waan addaati jedhan obbo Gadduun.

Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa humna maddisiisurra darbee ilaalcha jii’oo siyyaasa jijjuuruu danda’uu isaa himaniirui.

Ityoophiyaan hidhicha kan ijaartu qaama kamiiyyuu miidhuuf osoo hin taane lammiilee ishee ibsaa erganii hin beekne fayyadamoo taasisuuf akka ta’e eeraniiru.

Dhugaa Ityoophiyaan qabdu hawaasa addunyaa hubachiisuuf hojiin diippiloomaasii cimee kan itti fufu ta’uu itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkooniin dubbataniiru.

Dabalataan hidhicharratti tokkummaa biyyaalessaa uumuuf hojii cimaan hojjetamuu qaba jedhan.

Carraa diinagdee hidhicha waliin dhufanitti fayyadamuuf gamanumaan hojiin qindoomina qabu hojjetamuu akka qabus himaniiru.
Ijaarsi Hidhaan Haaromsa Guddichi Ityoophiyaa wayita guutummaan xummurametti odolawwan 70 ol ta’an ni uummamu jedhamee eeggama.

Maddi:-TOI

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment