Obboleeyyan lakkuun Vaayrasii koronaan garaagarummaa guyyoota sadiin lubbuun darban

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Obboleeyyan lakkuun Vaayrasii koronaan garaagarummaa guyyoota sadiin hospitaala tokko keessatti lubbuun darbuu isaanii himame.
Lammiilee Ingilaand kan ta’an Obboleeyyan lakkuun Keetii fi Emaa Deevis jedhaman waggaa 37ffaa isaaniitti boqotaniiru.
 
Wayita lubbuun jiran yeroo hundumaa ”wajjiin gara addunyaa kanaatti dhufne, wajjumaan addunyaa kanarraas du’aan godaanna,” jedhanii dubbataa akka turan ibsameera.
 
Keetii fi Emaa akkuma dubbisaanii ta’ee garaagarummaa guyyaa sadiitiin dhibee koronaan du’aan addunyaa kanarraa darbaniiru jedhame.
 
Obboleeyyan lakkuu kun bifaan qofa osoo hin taane waa hundaan walfakkatu turan jedhameera.
 
Narsii daa’immanii kan turte Keetii Deevis, hospitaala waliigalaa Saawuzhaamtanitti Kibxata darbe duute.
 
Emaanis narsii turte hospitaaluma kanatti gaafa Jimaataa lubbuun darbuu isheetu himame.
”Namoota gaarii akkamii akka turan ibsuuf jechootatu natti hanqata,” jette obboleettiin isaanii wayita waa’eesaanii haasoftu.
 
Ogeeyyiin hospitaala keessatti wajjin hojjataa turan Emaan nama tasgabbooftuu, namoota waliin waliigaluu dandeessuu, ogeettii jabduu turte jedhanii leellisan.
 
UK keessatti narsoonni 50 ta’an sababa weerara vaayrasii koroonaan hanga ammaatti du’aniiru jedhame.
 
Madda BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment