Obbo Zhaanxiraar Abbay kutaa bulchiinsa Nifaas Silk Laaftootti haaromsa manneen harka qalleeyyii eegalchiinsan

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay kutaa bulchiinsa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti haaromsa manneen harka qalleeyyii jalqabsiisan.
 
Obbo Zhaanxiraar, waamicha bulchiinsa magaalichaa fudhatachuun abbootii qabeenyaa fi tola ooltootaa namoota sababa weerara vaayrasii koroonaan rakkoof saaxilamaniif deeggarsa taasisaa jiran galateeffataniiru.
 
Bara haaraa dhufuttis lammiilee rakkoof saaxilaman yaadachuu fi deeggaruun itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
 
Hojii raawwachiisaa olaanaan kutaa bulchiinsa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo obbo Fiqaaduu Kaasahuun gama isaaniin, tola ooltoonni waktii gannaa kana mana namoota humna hin qamne 66 haaromsuu ibsaniiru.
 
Kan guyyaa har’aa eegalaman dabalatee hanga xumura baatii Hagayyatti manneen 121 haaromsuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Seekreetariyaat preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Guyyaa kana sagantaa Maaddii waliiqooduu gaggeeffameen abbootii warraa 500 deeggarsi taasiifamuu ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment