Finfinnee, Bitootessa 9 ,2015 (FBC)- Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Zhaanxiraar Abbaay Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittitti pirojeektoota guyyoota 90 keessatti nama irratti xiyyeeffatamuun hojjetaman hojii eegalchiisan.
Kutaa magaalichatti baasii Birrii miiliyoona 328’n pirojektoonni 28 hojjetamuun ibsameera.
Obbo Zhaanxiraar, pirojeektoota hojii eegalan kanneen hawaasa magaalichaa fayyadamoo kan taasisu ta’uu ibsuun, hojiin misooma qonna magaalaa cimee akka itti fufuuf kan tumsuudha jedhaniiru.
Meroon Muluugeetaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.