Obbo Xilahuun Kabbadaan Godina Walaayittaatti maatii lammiilee balaa sigiga lafaan miidhamanii jajjabeessan

Finfinnee, Adoolessa 30, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kbbadaan Godina Walaayittaa Aanaa Kaawoo Koyishaa Ganda Xeeppaatti maatii lammiilee balaa sigiga lafaan miidhamanii jajjabeessaniiru.
Godina Walaayittaa Aanaa Kaawoo Koyishaa Ganda Xeeppaatti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 11 darbuun kan yaadatamuudha.
Obbo Xilahuun Kabbadaa Dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa naannichaa bakkichatti argamuun hawaasa kanneen jajjabeessaniiru.
Mootummaan naannichaa balaa uumamaa mudachaa jiru ittisuuf hojjechaa jiraachuu Obbo Xilahuun Kabbadaan eeraniiru.
Lammiilee sababa balichaan miidhamanii fi qa’eef qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiisan ta’uu eeraniiru.
Maastawaal Asaffaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment