Obbo Xilahuun Kabbadaan ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbadaan bara haaraa 2017 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin barrii haaraan kan gammachuu, nagaa fi badhaanidhaa akka ta’u hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Guyyoota 365’n dura bara 2016 akkumaa bara haaraa jennee simanne bara moofaa jechuun gaggeessuun, bara 2017 bara haaraa jennee simachuuf baga nagaan geessan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Bara haaraatti jibbaa fi waldhiibuu hambisuun, waloomaa fi tokkummaa cimsuun badhaadhina hunda galeessaa naannichaa mirkaneessuuf gahee keessan akka bahattan jechuun dhaamaniiru.

Bara haaraatti ummataa naannichaa fayyadamtoota taasisuu fi sadarkaa caalutti ceesisuuf akkasumas tokkummaan sabdaneesummaa kan itti dagaagu, bara milkaa’inaa akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment