Obbo Umud Ujuluu yaalii qonna qamadii Mangashii daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umud Ujuluu dabalatee, qondaaltota olaanoo mootummaa naannichaa sadarkaa yaaliitti qamadii Godina Maajaangi Aanaa Mangashiitti misoomaa jiru daawwataniiru.

Daawwanicharratti, Obbo Umud Ujuluu, hojiin oomisha qamadii Naannoo Gaambeella naannolee biroorraa duubaatti hafuu ibsan.

Yeroo ammaa naannawaa garaagaraatti qamadiin bal’inaan oomishamaa jiraachuu eeranii, sadarkaa yaaliitti hojiileen hojjetamaa jiran bu’aa yoo argamsiisan bal’inaan kan irratti hojjetamu ta’uu himaniiru.

Bulchaan Godina Maajaang Obbo Abrahaam Maayikil gama isaaniin, oomishi qamadii sadarkaa biyyaalessaatti xiyyeeffannaan hojjetaamaa jiraachuu fi godinichaattis lafa hektaara 20 irratti yaaliiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Adeemsi yaalii kunis bu’aa qabeessaa yoo ta’e, gandoota birootti babal’isuun akka hojjetamuu fi yaaliin ammaa abdii qabeessa jedhaniiru.

Naannawichi oomisha garaagaraa misoomsuuf mijataa ta’uu ibsanii, qamadiin yaaliin oomishamaa jirus guyyoota 90 keessatti kan ga’u ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshiniin naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment