Obbo Umood Ujuluun sagantaa tajaajila tola ooltummaa Gannaa eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 20, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluun sagantaa tajaajila tola Ooltummaa gannaa Magaalaa Gaambeellaatti eegalchiisaniiru.
Obbo Umood saganticharrati hasaawa taasisaniin, sagantichi Aadaa wal deeggaruu fi walii yaaduu kan guddisuu fi dhaloota dhufuuf hojii duudha gaarii dhaalchisuudha jedhan.
Sagantaa tajaajila tolaa ooltummaa gannaa bara kanaan manneen harka qalleeyyii haaromsuu dabalataan sagantaan biqiiltuu dhaabuu ni gaggeeffamaa jechuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharra argame ni mul’isa.
Hojii tola ooltootan hojjetamurratis Abbootiin qabeenyaa fi qooda fudhattoonni gahee isaanii akka bahatan Obbo Umood waamicha dhiyeessaniiru.
Comments (0)
Add Comment