Obbo Umood Ujuluun Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluun Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaannichi qabeenya Hawaasummaa, Diinagdee fi siyaasaa ta’uurra darbee ayyaana Tokkummaa cimsu ayyaana guddaa ta’uu eeraniiru.

Irreechaan ayyaana garaagarummaa caalaa tokkummaa itti calaqisu ayyaana jaalalaa fi nageenyati jedhan.

Ayyaanichi ayyaana nageenyaa, jaalalaa, tokkummaa fi obbolummaa akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment