Finfinnee, Caamsaa 12, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaa ilaalchisee Artiistootaa fi Ispoorteessitootaaf ibsa laataniiru.
Kaayyoon ibsichaa hojii Ashaaraa magariisaa Ityoophiyaatti gaggeeffama jirurratti haalaan akka hirmaatanii fi hawaasa akka kakaasaniif ta’uu himameera.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kana mata duree ‘Ityoophiyaa yaa uwwisnu’ jedhuun ifatti eegalchiisuun isaanii kan yaadatamuudha.
Sagantichaan biqiltuuwwaan biiliyoona 7 dhaabuuf karoorfamuu himameera.
Karooricha milkeessuuf hirmaannaan qaama hundaa murteessaa ta’uu eerameera.
Ogeeyyiin Aartii fi Ispoorteessitoonni ummata kakaasuu keessatti qoona olaanaa qabaachuu isaaniin saganticharratti ibsa laachuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.