Obbo Umar Huseen Daayrektara olaanaa Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeeraa Qonnaa Obbo Umar Huseen Fooramii Nyaata Addunyaa cinaatti Daayrektara olaanaa Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaa Kuu Doongiyuu waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaatti hojiilee fooyyessa oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jiraniifi bu’aalee argaman Obbo Umar ibsaniiru.

Sirna qonnaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu danda’u bu’uuressuuf hojiilee hojjetamaa jiran eeruun, dhaabbatichi deeggarsa akka taasisu gaafataniiru.

Daayrektarichi jeneraalichi gamasaaniin, hojii Ityoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuufi misooma waaraa fiduuf hojjechaa jirtu dinqisiifachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa Addunyaa mootummaa Ityoophiyaa wajjiin hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment