Finfinnee, Adooleessa 21, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen daayreektara olaanaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa Miistar Qu Dongiyuu waliin mari’atan.
Obbo Umar Huseen walga’ii sirna nyaataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Roomitti qopha’een daayreektara olaanaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Miistar Quu Doongiyuu waliin mari’ataniiru.
Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen tiraansifoormeeshiinii baadiyyaa fi misooma qonnaa guddisuuf tarkanfii Mootummaan fudhataa jiru ibsaniiru.
Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Nyaataavfi Qonnaa Addunyaa Miistar Quu Doongiyuun gama isaaniin tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuu fi ajandaawwan 2030 milkeessuuf taasisu dinqisifachuu ragaan Roomitti Imbaasii Itiyoophiyaarraa argame muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.