Obbo Umar bakka bu’aa Afrikaa Dhaabbata Qonnaa fi Sagantaa Nyaataa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen bakka bu’aa Afrikaa Dhaabbata Qonnaa fi Sagantaa Nyaataa Addunyaa Obbo Abbabaa Hayilagarbre’eel waliin mari’ataniiru.

Haala dhaabbatichi tumsaa fi hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu caalmaatti cimsuu danda’amurratti mari’atan.

Dhaabbanni Qonnaa fi Sagantaa Nyaataa addunyaa qaala’iinsa nyaataa yeroo ammaa addunyaa muudate hir’isuuf deeggarsa teeknikaa barbaachisu taasiisuu akka qabu marichaan kaasaniiru.

Obbo Umar Huseen dhaabbatichi deeggarsa Ityoophiyaaf taasiisaa turee fi taasiisaa jiru galateeffachuu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment