Obbo Tasfaayee Baljigee fi hoggantoonni biroon proojektii misooma qarqara laga Aweetuu daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Miseensi koree hoji raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa obbo Tasfaayee Baljigee fi hoggantoonni biroon proojektii misooma qarqara laga Aweetuu daawwataniiru.

Proojektiin misooma qarqara laga Aweetuu marsaa jalqabaa bara darbe kan xumurame.

Marsaa lammaffaan naannoo giddugala gabaa Bishiisheetti ijaaramaa jira.

Keessuummootaaf ibsa kan taasisan kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Najiib Raayyaa, proojaktichii bu’aa hawaasummaa fi diinagdee guddaa akka qabu eeruun ji’oottan lamaan itti aanan keessatti ni xumuram jedhaniiru.

Proojektiin misooma qarqara laga Aweetuu marsaa lammaffaan Birrii miiliyoona 80 baankii addunyaarraa argameen ijaaramaa jira.

Hoggaantoonni proojakticha daawwatan guyyoottan itti aanan keessatti hawaasa magaalichaa waliin ni mari’atu jedhamee eegama.

Muktaar Xahaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment