Obbo Tamasgeen Xurunaan hojiilee misoomaa Magaalaa Dirree Dhawaa daawwatan

Finfinnee, Hagayya 10, 2016(FBC)– Ministirri Muummee Ittaanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan hojiilee misoomaa Magaalaa Dirree Dhawaatti hojjetaman daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniin, hojiilee misooma daandii dabalatee sagantaa maaddii guutuu fi naannawaa Daldalaa Bilisaa Dirree Dhawaa akkasumas Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa daawwataniiru.

Dabalataan hojiirra oolmaa Waadaa Saqoxaa fi sirna soorataa tajaajiala inshuraansii fayyaa hawaasaa waliin qindaa’ee hojiirra oolaa jiruu fi fayyadamtoota waliinis mrai’ataniiru.

Misooma qonna magaalaa fi sagantaa Maaddii Guutuun, rakkoo quucartummaa hambisuu fi hojiilee gabaa tasgabbeessan daawwachuu himaniiru.

Itiyoophiyaa naannawaa daldala bilisaa fi indaastiriiwwan maanufaakchariingii akkasumas giddugala gabaa fi daldala alaa taasisuutti dabalataan oomishaalee bakka bu’iinsaarratti gumaacha akka qabu ibsaniiru.

Firehiiwoot Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment