Naannichatti nageenya waaressuun misooma itti fufsiisuuf tokkummaa fi murannoon hoggansaa murteessaadha – Obbo Tamasgeen Xirunaa

Finfinnee, Guraandhala 4, 2016 (FBC) – Itti Aanaan Ministira Muummee FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan hoggantoota olaanaa naannoo Amaaraa waliin marii gaggeessaa jiru.

Marii gaggeeffamaa jirurratti marii hawaasaa naannawaa garaagaraatti gaggeeffameen fedhiin ummataa nageenyaa fi misooma ta’uu adda bahuu Obbo Tamasgeen ibsaniiru.

Naannoo Amaaraatti nageenya waaressuu fi misooma itti fufsiisuuf tokkummaa fi murannoon hoggansaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Hoggantoonni kunneen qabeenya naannicha jiru adda baasuun haala kamiin misoomsuun akka danda’amu, nageenya waaraa mirkaneessuuf hojjechuun murtaassaa ta’uu, gufuulee guddina diinagdee mudatan akkamiin furuun akka danamurratti marii gaggeessaa jiraachuu eerameera.

Dassaalenyi Birraarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment