Finfinnee, Caamsaa 24, 2013 (FBC) – Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoon Ameerikaatti Seneetara Bulchiinsa Oklaahoomaa Jiim Inhoofen waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota waloo fi naannawaarratti mari’achuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni agarsiisa.
Obbo Taaggaseen haala waqtaawaa naannoo Tigraay, qophii filannoo marsaa 6ffaa, dhimma marii sadee Hidha Haaromsaa fi waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan irratti ibsa taasisaniiru.
Rakkoolee wayita duula olaantummaa seeraa mirkanneessuu uumaman sadarkaan furuuf mootummaan hojjechaa jiraachuu fi deeggarsi namoomaa lammiilee deeggarsa barbaadaniif taasiifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Jiim Inhoofen gama isaaniin simannaa taasiifameefitti gammaduu eeruun, ibsi laatameef haala Ityoophiyaa hubachuuf kan isaan gargaaru ta’uu himaniiru.
Hojiilee Ityoophiyaan hojjetaa jirtu hunda deeggaruuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.