Obbo Taaggasaa Caafoon Ityoophiyatti Ambaasaaddara Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 28, 2013 (FBC)- Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Chaayinaa Zaa’oo Zhiiyuhaan waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniitin hariiroo cimaa biyyoota lamaan gidduu jiruu fi dhimmoota diinagdee kaasaniiru.
Ambaasaaddar Zaa’oo Zhiiyuhaan Ityoophiyaa fi Chaayinaa waggoottan 50f hariiroo cima qabachuu ibsaaniiru.
Obbo Taaggasaan gama isaaniitin, Ityoophiyaa fi Chaayinaa hariiroo baroota dheeraa lakkoofsisee qabachuu isaanii ibsuun, gama diinagdeetiin Ityoophiyaan Chaayinaarra muuxannoo gudda akka argatte ibsaniiru.
Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti fudhatame kaasuun dhimmicha dhimma keessoo ta’uu ibsaniiru.
Yeroo itti aanuufis mootummaan Chaayinaa Ityoophiyaatti guddina diinagdee keessaatti shooraa akka qabu himaniiru.
Amabaasaaddarichi Ityoophiyaan sochii hunda galeessaa taasiftuuf Chaayinaa deeggarsa ni taasifti jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment