Obbo Taaggasaa Caafoon gita isaanii Morookoo waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC)- Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo gita isaanii Morookoo Afyaa’ii Raachiid Taalbii Al-Alaamiin waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Ityoophiyaa fi Morookoon, hariiroo ummataa fi ummataa, paarlaamaa fi aadaa waljijjiiruurratti waloon hojjechuu akka qaban mari’ataniiru.

Obbo Taaggasaa Caafoon, Ityoophiyaa fi Morookoon hariiroo cimaa fi aadaa walfakkaataa biyyoota qaban ta’uu ibsanii, waljijjiirraan aadaa taasisan cimuu akka qabu dubbataniiru.

Fuuldurattis, hariiroo hawaasa daldalaa cimsuu akka qaban Afyaa’ii Taaggasaan ibsaniiru.

Waltajjiiwwan Addunyaarrattis miiraa walta’iinsaa fi ejjennoo waloon akka hojjetan mirkaneessuu ragan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Afyaa’ii Raachdii Taalbii Al Alami gama isaaniin Ityoophiyaa fi Morookoon seenaa fi aadaa balaa kan qaban ta’uu kaasanii, fuuldurattis hariiroo jiru cimsuuf waloon akka hojjetan ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment