Obbo Taadiyoos Taantuun yakkoota himatamaniin yakkamaadha jedhaman

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC) – Obbo Taadiyoos Taantuun yakkoota haasawa jibiinsaa tatamsaasuu fi walitti bu’iinsa kakaasuun himatamaniin yakkamaa ta’uu isaanii ibsame.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi ramaddii Lidataa dhimmoota seeraa fi heera mootummaa oolmaa isaa har’aan Obbo Taadiyoos Taantuun yakka himatamaniin balleessaa raawwachuu isaanii ibseera.

Himatamaan kun Waxabajjii 20, 2014 haasawa jibiinsaa tatamsaasuu fi walitti bu’iinsa kakaasuun raawwataniiru jedhamuuun yakkaan himatamuun kan yaadatamuudha.

Himatamichi yakkoota Abbaan Alangaa ittiin himate 4 hin raawwanne jechuun waakkatus abbaan Alangaa yakkicha raawwachuu isaanii ragaa dhiyeesseera.

Manni murtichaas ragaa Abbaa Alangaa erga qoratee booda himatamichi ragaa ittisaa akka dhiyeeffatu sagalee guutuun yaada murtoo kennee ture.

Obbo Taadiyoos ragaa ittisaa dhiyeeffatanis ragaan dhiyeeffatan ragaa Abbaan Alangaa irratti dhiyeesse sirnaan qolachuu dhabuu isaaniin badii raawwataniiru jedhame.

Manni murtichaa yaada adabbii murtoo bitaa fi mirgaa dhagahuuf Onkololeessa 12, 2017tti beellameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment