Obbo Taadiyoos Taantuun adabbii cimaa waggaa 6 fi baatii 3 fi maallaqaan adabaman

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2017 (FBC) – Yakka Haasawa jibbiinsaa tamsaasuun walitti bu’iinsa kakaasuun kan himataman Obbo Taadiyoos Taantuun adabbii cimaa waggaa 6 fi baatii 3 fi Birrii kuma 20 adabamaniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi Dhimmoota Heeraa fi Heera Mootummaa ramaddiin Lidataa, Obbo Taadiyoos Taantuun yakkoota itti himataman sadiin adabbii cimaan adabeera.

Manni Murtichaa yakkamaan kun abbaa ijoollee 6 fi maanguddoo umrii waggaa 70 ta’uu isaanii yaada adabbii salphisan dhiyaatan tilmaama keessa galchuun adabbii cimaa waggaa 6 fi baatii 3 fi Birrii kuma 20’n akka adabaman itti murteesseera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment