Obbo Shimallis qaamoolee ayyaanni Irreechaa hora Finfinnee nagaan akka kabajamuu taasisan galateeffatan

Finfinnee, Fulbaana 23, 2013 (FBC)-Preezdaantiin mootumma naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdisaa qaamoolee ayyaanni irreechaa Hora Finfinnee karaa nagaatiin xummuramuu taasisan agalteeffataniiru.

Obbo Shimalliis, kabajamtoota ummata, duudhaan sirna Gadaa irraa dhaallee wal dhaggeeffachuu, wal tumsuu, nagaa fi birmadummaa waliniitiif wal cina dhaabachuudha jedhaniiru.

Duudhaan ganamaa sirna Gadaarraa dhaallee kun har’allee taanaan bu’uura cimaa akka qabu naamusa, wal dhageeffannaa fi wal hubannaa guyyaa har’aa sirna kabaja ayyaana irreechaa Hora Finfinnee irraatti mul’ate irraa mirkaneeffachuun danda’ameera jedhan.

Bu’uura kanaan ayyaanichi rakkoo nageenyaa tokko malee xumuramuu ibsaniiru.

Vaayrasii koroonaarra of eegaa kallattii abbotiin Gadaa kaa’aniin milkaa’inaan xummuramuu isaatiif baga gammaddan baga gammanne jedhaniiru.

Milkaa’ina ayyaanachaf gumacha isinirraa eegamu hunda ba’achaa kanneen turtan, Abbootii Gadaa, qaamoleen nageenyaa, jiraattoonni magaaloota naannawa Finfinnee, qerroowwanii fi qarreewwan magaalaa Finfinnee, jiraattoonni magaalaa Finfinnee,miidiyaalee fi kanneen milkaa’ina hundi galatoomaa jedhaniiru.

Boruu kan kabajamuu ayyaanni irreechaa hora Harsadees nagaa akka xumuramuu hawaasni tumsa taasisu qaba jedhaniiru.

Maddi:-BDHKMNO

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment