Obbo Shimallis baga ayyaana Du’aa Ka’uutin ittiin isin ga’e jedhan

Finfinnee, Eebila 10, 2012 (FBC)- Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga ayyaana Du’aa Ka’uutin ittiin isin ga’e jedhan.

Ibsi guutun akka armaan gadiitti dhiyaatera;
———————————————–
Duraan dursee, hordoftoota amantaa Kiristaanaa hundaan baga ayyaana Faasikaa bara kanaa nagayaan geessan; baga waliin geenye! Jechuun barbaada.

Ayyaanni Faasikaa hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti sirna kadhataafi galata Waaqaatiin kabajamee oolu kun ayyaana cehumsaa akka ta’etu lallabama. Dukkanarraa gara ifatti, du’arraa gara jireenyatti, abaarsarraa gara eebbatti, kakuu moofaarraa gara haaraatti tarkaanfachuu kan agarsiisu ta’uutu himama.

Kabajamtoota hordoftoota amantaa Kiristaanaafi ummata naannoofi biyya keenyaa!

Ayyaana Faasikaa bara kanaa akka baratame qofatti kabajannee kan oollu miti. Amala weerara idil-addunyaawaadhaan dureessaafi iyyeessa, beekaafi wallaalaa, xiqqaafi guddaa, gurraachaafi adii jedhee kan hin qoodneefi kallattii addunyaa kamuu kan hin qusanne dhibeen Koronaa(COVID-19) haala baratame hedduu geeddareera.

Siyaasa, dinagdee, hawaasummaafi hariiroo biyyootaafi dhala namaa miidheera. Kanaafis, biyyoonniifi ummanni kallattii addunyaa maraa humnaafi dandeettii qaban hundaan miidhaa weerarri dhibechaa dandamachuuf ifaajaa jiru. Akka keenyattis Gama tokkoon akkaataa ogeeyyiin fayyaa gorsa kennaniin wal argaafi walitti qabama namaa irraa of qusannee, tuttuqqaa irraa of daangessinee, of eeggannoo ogeeyyiin fayyaa gorsan hunda raawwannee dhuunfaa, maatii, ummataafi biyya keenya baraaruuf yaa hojjechuutu nurraaa eegama. Gama biratiin ammoo sababa weerara vayirasii kanaatiinm sochiin diinagdee keenya garmalee hubamee rakkina biraatti akka nu hingalchine hojii misooma diinagdee fi kenniinsa tajaajilota addaa addaa xiyyeeffannoo addaa fi of eggannoo cimaadhaan sochii diinagdee eegalme finiinsnee itti fufsiisuun dirqama keenya hundaa akka ta’e carraa kanaan dhaamsa koo dabarsuun barbaada.

Irra deebiidhaan baga ayyaana Faasikaa bara kanaa geessan jechaa, yeroo rakkinaa kana keessatti sochii tajaajila lammumaatiin haala ajaa’ibsiisaa ta’een wal bira dhaabbachuun eegalame ayyaana faasikaa kanattis kan rakkate gargaaruu, kan dhukkuffate wal’aanuu, kan dhabeef kennuufi kan iyyateef birmachuudhaan wal tumsinee abboommii uumaafi duudhaa ummatummaa keenyaaf yaa amanamnu itti haafufnu dhaamsa jedhu dabarsuun fedha.
Kitaaba amantaa guddicha Macaafa Qulqulluu keessatti, aarsaa faasikaa kan ta’e Iyyasuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufee nama ta’ee dhalachuudhaan qormaata lafarraa hunda danda’ee dhala namaa fayyisuudhaaf wareegama lubbuu kaffale; ni fannifame; ni du’e; du’aa ka’ee ammoo ilmaan namootaatiif ifa hin dhaamne akka ibsetu amanama.

Dubbii ijoon barsiisa amantaa kun saqqiifi sabbata yeroo rakkinaati. Ammatti waan bal’inaatiin ol rakkina duraa duubaan nutti marsee jiru hedduu lakkaa’uu dandeenya.

Garuu ammoo rakkina lakkaa’uu caalaa ifa xiqqoo agarru faana buunee rakkina injifachuuf wal dhaggeeffachuun, wal hubachuufi hundi keenya tumsa taasisuu qabnu gumaachuudhaan humna weerara dhibee Koronaa (COVID-19) waliin taanee injifannuu qabna.

Carraa kanatti fayyadamee, ummanni keenya sodaachuu caalaa of eeggannoo barbaachisu gochuu, qaamaan walitti dhufuu caalaa yaadaafi qalbiin wal bira dhaabbachuu, of dagachuu caalaa odeeffannoo mootummaafi ogeeyyii fayyaatiin darbu, hundaa olitti sochiin diinagdee akka naannoo keenyatti eegalame finiinee itti fufu kallattii mootummaan kaa’e fudhatanii hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu dhaamuun fedha.

Xumurarratti, imaanaa nutti kennameef amanamnee, waamicha lammummaa dhaga’uudhaan birmannee, wal faana yoo dhaabbanne, guyyaan dukkanaa kunis ni darba. Ifti xiqqoo quqquuqe kun guddataa deema. Biiftuun misoomaa, nageenyaafi badhaadhinaa ni baha. Kaayyoofi mul’anni biyyaafi ummata keenyaa mamii tokko malee ni milka’a.
Ayyaanni kan nagaafi gammachuu isiniif yaa ta’u!

Ebla 2012
Finfinnee

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment