Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC) –Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaan Ayyaana bara haaraa 2013 sababeeffachuun ergaa dabarsaniiru.
Obbo Shimallis barri haaraan kun bara motummaa fi ummanni gamtoomee miira haaraa fi kaka’umsa olaanaan hojiilee gurguddoo badhaadhinaaf bu’uura cimaa ta’uun fayyadamummaa ummata sadarkaa ola’anaan mirkaneessuuf itti hojjetamuudha jedhan.
Guutuun ergichaa haala armaan gadiitiin dhiyaatera.
Kabajamaa ummata naannoo keenyaa fi biyya keenyaa
Duraan dursee, waqtii Gannaa dabarsitanii baga ifa barii birraa agartan, baga geessan jechuun fedha. Waqtiin martinuu sona ofiisaa qaba.
Ganni rooba nu badhaasee, waan facaafanne magarseera. Birraan aduu baasee miidhaan marge akka bilchaatuufi ija laatu godheera.
Amma waan ganna guutuu itti dadhabaa baanetu firii argamsiisaa jira. Lagni guute hir’atee namni kan itti wal iyyaafatuufi asheeta boroofi balbalaa kan itti waliin qooddaturra ga’aa jirra.
Sonni waqtii gannaafi birraa kun baadiyyaatti warra oomishatuufi magaalaatti warra shamatatu kan wal quunnamsiisuu dha.
Warri oomishee gabaa baasu sharafa argata. Warri shamatatee nyaatu ammoo dhiyeessii argata.
Bariin birraa misiraachoo Abaaboo miidhagaa, magariisummaa naannoofi foolii urgaa achirraa madduun simannu hawwii guddaan kan eeggatamuu dha.
Irra deebi’ee baga ittin isiin ga’e, baga barii birraa agartan yammuun jedhu gammachuu guddaatu natti dhagaa’ama.
Bara 2012tti karoorsinee injifannoowwan gurguddoo galmeessineerra. Roga hedduudhaanis qoramnee ilaalamuudhaan injifannee darbuu dandeenyeerra.
Hundaa ol ammoo, bara waan calqabne xumuruu akka dandeenyu itti agarsiifnee dha.
Horatni karoorsinee raawwachuufi hojjennee milkeessuurratti arganne kun qabeenya dhaabbataa itti fufiinsaan itti fayyadamuu qabnuu dha.
Keessattuu, umriin jijjiiramaa waggoottan lamaafi walakkaa kun boqonnaa kuufama rakkoo bulchiinsa gaariifi nageenyaa waggoottan hedduu lakkoofsise hiikaa deemuu kan nu gaafate ture. Boqonnaan kun gama tokkoon gahumsaafi dandeettii raawwachiisummaa cimaa kan barbaaduu dha.
Gama biraatiin ammoo kutannoo qabaachuufi wareegamaaf of kennuu gaafateera.
Kanaafuu, barri 2012 yeroo murteessaa hojiiwwan gurguddaa itti raawwanne qofa osoo hin taane, kitimaa hedduus kan itti kaffallee dha. Wareegamni jijjiirama fulla’iinsa qabu galmeessuuf kaffalle kun faajjii injifannoo dhaloonni kanaan booda dubbisu ta’ee itti fufa.
Boqonnaa cehumsaafi imala jijjiiramaa kana keessatti injifannoowwan rog-daneessaafi dam-daneessa galmeessaa jirra. Bara 2012 keessa ejjennoo cimaa, “Waan hin xumurrre hin calqabnu, waan calqabne ammoo ni xumurra!” jedhu qabannee, hojjennee agarsiisuu dandeenyeerra.
Pirojeektoota waggoottan dheeraa lakkoofsisan xumurree abdii kutannaa maseensineerra; riibaanii kutnee eebbisuu eegaluu keenyaan dhagaa bu’uuraa imala Badhaadhinaa keenyeerra.
Guddaa karoorsinee, xiqqaa irraa eegaluudhaan guddaa milkeessuu akka dandeenyu agarsiisuu calqabneerra. Kan dubbannuun ol kan hojjennu, waadaa galle kan milkeessinu akka ta’e qabatamaan agarsiisuutti jirra.
Bara kana qofa pirojeektoota birrii biliyoona 14 oliin ijaaraman xumurree hojii eegalchiisuu keenyaan lammiileen miliyoona 13 ol fayyadamtoota ta’aniiru.
Pirojeektoota eegalaman xumuruun faayidaa ummataatiif oolchuu eegaluu keenyaan horata argannes qabna.
Lammiin dammaqee akka hirmaatu, hojjetee akka argatuufi gamtaan socho’ee dhiyaana badhaadhinaa irraa akka qooddatu gochuun eegalameera.
Hojii tajaajila lammummaa bara kana hojjetameen daree barnootaa dabalataa, manneen kitaabaa, manneen maanguddootaafi dhaabbilee tajaajila hawaasummaa hedduu ijaaruun dandaa’ameera.
Abbootii qabeenyaafi deeggartoota misoomaa hirmaachisuudhaan manneen bultii addaa, kan sadarkaa lammaffaafi daree dabalataa ijaaruunis muuxannoo addaa raawwii bara kanaati.
Namni waliif yaaduufi waliif gadduu, wal deeggaruufi rakkoorraa wal baraaruu eegaleera.
Gaaga’ama sababa balaa uumamaafi nam-tolcheetiin uumaman hedduu keessatti lammiilee miidhaman tumsuuf hirmaannaa bara kana godhame dinqisiifannaa addaatiin ilaalla.
Bara duudhaa ummatummaa qabnu qabatamaan itti agarsiifneefi eeggattummaa gargaarsaa jalaa ba’uu akka dandeenyu itti mul’isne waan ta’eef ashaaraa seenaa haaraa tokko keenyeerra.
Imala jijjiiramaa keessatti sochii dinagdee bayyaannachiisuuf taasifamaa jiruun dameen qonnaa xiyyeeffannoo addaa argateera.
Hojiiwwan tiraanisfoormeeshinii qonnaa hanga ammaatti raawwatamaniin sadarkaa maatiitti wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira dabarree, gabaadhaaf oomishuuf hin dandeenye.
Kanaafuu, mootummaan bara kana qorannoo geggeesseen hanqinaalee oomishaafi oomishtummaa qonnaarratti jiran adda baasuudhaan tarkaanfiiwwan gurguddoo jijjiirama bu’uuraa fiduu danda’an fudhateera.
Tarkaanfiiwwan kanneen keessaa ijaarsa pirojeektota jallisii, dhiyeessii faayinaansii baadiyyaafi teeknoloojii qonna makaanaayizeeshinii, kilaasteraan oomishuufi ijaarsi wiirtuu gabaa oomisha qonnaa magaalota gurguddaa naannoo keenyaa aantummaa dhugaa qonnaan bulaaf qabnu hojii qabatamaadhaan agarsiisuu kan eegalle ta’uu ibsa.
Keessattuu, qonna ganna bara 2012 kanaan lafti agabuu akka hin baaneef xiyyeeffannoo addaa dhiyeessii xaa’ootiif kennameen qonnaan bultoota keessatti miira hojii ol’aanaa uumuun dandaa’ameera.
Dhiyeessii dabaluu qofa osoo hin taane, rakkoo yeroon qaqqabsiisuu dhabuu kanaan dura ture furuurrattis fooyya’iinsi guddaan argameera.
Gama biraatiin ammoo, dachee mancaatii qabeenya uumamaatiin golgolaa’e bayyaannachiisuufi jijjiirama haala qilleensaa dandamachuuf hojiin ashaaraa magariisaa bara darbe eegalleefi bara kana bal’isnee hojjenne calqabbii abdii guddaa nutti horee dha. “Kaleessa harka keenyatu mancaase, har’as nutu deebisee misoomsa” ejjennoo jedhuun biqiltuu dhaabnee kunuunsuufi guddisuu eegaluu keenyaan qilleensa hawwataa arguu calqabneerra.
Burqaawwaniifi haroowwan gogan madduu eegalaniiru; bineeyyiin godaananis deebi’anii galaa jiru.
Dhaabbii biqiltuu keessatti biqiltuuwwan nyaataa fi gabaaf ooluu danda’an baayyinaan dabaluun keenyaas Oromiyaa magariituu jireenyaaf caalmaatti mijjooftu ijaaruuf ka’umsa guddaa eegaluu keenya kan agarsiisuudha.
Naannoo uumama hundaaf ta’uufi dhaloota baachuu danda’u uumuuf daandiin qabanne kun aadaa hojii keenya fooyyessuun olitti, duudhaa ummatummaa keenyatti deebi’uufis calqabbii abdachiisaa dha.
Barana biqiltuu biliyoona 3.2 dhaabnee, bara dhufutti biliyoona 4 karoorfachuun keenyammoo warra har’arra dhaabbatee boru waan caalu raawwachuuf of qopheesse ta’uu keenya kan agarsiisuu dha.
Raawwii bara 2012tiin ummattoota gidduutti walitti dhufeenyaafi waliigaltee gaarii uumuun madda wal-dhabdeefi walitti buhiinsaa gogsuun eegalameera.
Bara pirojeektonni calaqqee calqabbii gaarii waliin misoomuufi waliin guddachuu ta’an itti eegalaman ta’uunis akka injifannoo tokkootti kan ilaalamuu dha.
Bu’uuraalee misoomaa dhuka dinagdeefi riqicha walitti hidhamiinsa gabaa ta’an diriirsuu eegaluun keenya haqa qabeessummaa itti fayyadama misoomaa mirkaneessuuf bu’uura guddaa dha.
Haaluma wal fakkaatuun, Naannolee ollaa Oromiyaa daangessan waliin walitti dhufeenyi gaarii uumuufi hojiiwwan misoomaafi nageenya waaraa mirkaneessuu saffisiisuurratti sochiin eegalame akka salphaatti kan ilaalamu miti.
Carraa kanaan, ummattoonniifi naannoleen rakkinaafi gammachuu waliin qooddannuufi waan qabnu hundaan waliif dirmannu hundi keessan baga bara haarawaa 2013 geessan, baga waliin geenye jechuun fedha.
Kabajamaa ummata Oromoofi ummatoota biyyaa keenyaa
Kitila raawwii keenyaa 2012 keessaa milkaa’inoota muraasa yammuun kaasu, qormaatonni bara kana keessummeessines kan dagataman miti.
Barri kun balaa uumamaatiin bara dhibee weerara idil-addunyawaa Koronaa (COVID 19) itti keessummeessinee dha. Akkuma biyyoota addunyaa biroo gaaga’ama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa hedduudhaaf saaxilamneerra.
Kanneen keessaa qaama sochii siyaasaa bara kanaa kan ta’e filannoon sababa dhibee kanaatiin yeroo qabameef keessatti geggeeffamuu hin dandeenye.
Kanuma faana, amala tatamsa’ina dhibichaatiin murtiiwwan darban waliin sochiin dinagdee qabbanaa’erera. Walitti dhufeenyi namootaa daanga’uu isaa waliin dhiibbaan hariiroo hawaasummaa qaqqabes akka salphaatti kan ilaalamu miti.
Baruma kana weerarri Hawaannisaa akka naannoofi biyyaatti mul’ate qabeenya uumamaafi oomishaalee qonnaa keenyarratti miidhaa hin tuffatamne geessiseera.
Haa ta’u malee, tarkaanfii mootummaafi tumsa hawaasaatiin balaa hamaa osoo hin geessisin to’atamuu danda’eera
Weerara fedhii koloneeffannaa Xaaliyaaniin booda aggaammii birmadummaa biyyaafi ummatarratti taasifame kan keessummeessines baruma kanaa dha.
Pirojeektii guddicha hidha haaromsaa Laga Abbahyyaa hirmaannaa lammiilee biyyattiitiin ijaaramaa jirurratti aggaammiin alaafi keessaa walitti hidhachuun taasifame daran hamaa akka ture ni beekama. Keessaa ololaafi jeequmsaan, alaa ammoo maqaa dippilomaasiifi marii faayidaa walootiin walitti hidhatanii dhiibbaa hammeenyaa geessisaa turan.
Guutiinsi bishaanii marsaa duraa akka hin milkoofneef humna qaban hunda fayyadamanii hojjetaniiru.
Haa ta’u malee, ummanni bal’aan naannoofi biyya keenyaa waamicha mootummaa hordofee humna, beekumsaafi qabeenya qabuun guutiinsi hidhichaa akka hin gufanneef tumseera.
Guutiinsi bishaanii hidha haaromsaa yeroon karoorfame osoo hin darbin guyyaafi sa’aati isaa eeggatee raawwatamuunsaa icciitii guddaa tokkummaa sab-daneessummaa Itoophiyaa keessa jiru kan agarsiisee dha.
Kun injifannoo waraana Adwaatti aansee galmee seenaarratti iddoo ol’aanaa qabatee jiraatuudha.
Injifannoo faajjii Itoophiyaa qarqara addunyaa hundarratti mul’ise kana keessatti gumaacha ummanni naannoo keenyaa taasiseef mootummaan galata guddaa kan qabu ta’uu irra deebi’ee wayitan ibsu gammachuu guddaa waliinii dha.
Hidha haaromsaa qofa osoo hin taane, naannoo Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuudhaan hojii misoomaafi ijaarsa sirnaa gufachiisuufis yaalii hedduun taasifameera.
Keessattuu, humnoonni Kibba Bahaafi Lixa Oromiyaa mandheeffatanii hidhatanii socho’aa turan wareegama hin malle akka kaffalluuf sababa ta’aniiru.
Biyyattii keessatti dirree siyaasaafi dimokraasii bal’isuudhaan lammiileen martinuu ijaarsa sirnaafi biyyaa keessatti ga’ee isaanii akka gumaachaniif haala mijate faallessuun, fincilaafi karaa qaxxaamuraa aangoo qabachuuf yaaliin taasifamaa ture, waltahiinsa ummataafi humna nageenyaatiin fashalaa’eera.
Kiyyoon badii Oromiyaa dirree badiisaa gochuuf aggaamamees maseeneera.
Rooba gannaa cimaa tibba kanaatiin balaawwan lolaa Godinaalee naannoo keenyaa keessatti qaqqabe dandamachuuf hirmaannaafi dirmannaan gochaa jirtan hedduu kan dinqisiifannuu dha.
Dargaggoonni Lolaa mudhii namaa ol darbe keessa seenuudhaan mana namaa galoo bishaaniitiin fudhatame keessaa maanguddoota dugdatti baattanii lubbuun baastan Uumaan gatii keessan isiniif haa baasu.
Seenaa boonsaa raawwattan kun akka hin dagatamnetti kan barraa’uufi duudhaa guddummaa ummata keenyaa kan ittiin agarsiiftanii dha. Carraa kanaan, maqaa kootiifi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kabajaafi galataguddaan isiniif qabu ol’aanaa ta’uu ibsuun barbaada.
Walumaagalatti, hojiiwwan raawwachaa turreefi qormaatota nu mudatan hunda keessatti waan humna keenyaan ol ta’een kan ummata mufachiifneef dhiifama gaafachaa, bara haaraa kanatti raawwii daran ol’aanaa milkeessuuf kan hojjennu ta’uu ibsina.
Hojii ijaarsa Oromiyaa eegalle bara 2013tti cimsinee itti fufna. Utubaawwan gurguddoo shanan irratti hundoofnee, “Oromiyaa ni ijaarra!; Itoophiyaa ni utubna!; Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!”
Utubaa tokkoffaan Oromiyaa ittiin ijaarru bilisummaa dha. Lammiin dhuunfaadhaan, ummannis gamtaadhaan bilisummaa qabaachuu qaba. Bilisaan hojjechuu, yaada ibsachuu, socho’uu, tumsuufi morkachuu, mormuufi deeggaruu qaba.
Bilisummaan dagaleewwan mirgaafi dirqamaa dhuunfaafi akka gareetti ittiin abboomaman ni qabaata. Adeemsa kanaan sirnaa’uufi wabii ta’uu danda’a.
Utubaa lammaffaan ammoo haqummaa dha.
Dirree taatota siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa danuu qabu kana keessatti haqummaa kabachiisuun meeshaa murteessaa ijaarsa biyyaafi ummataa ta’ee tajaajila.
Hammanni seeraa hirmaannaafi fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessu jiraachuun ammoo dagalee cimaa haqummaa mirkaneessu ta’ee tajaajila.
Sadaffaarratti, demokraasii bu’uura cimaafi amansiisaarra dhaabuudhaan Oromiyaa ijaaruuf hojjenna.
Dhaloota qaroomeefi yaadaan dorgomu uumuudhaan ijaarsa biyyaa keessatti ga’ee isaa akka bahatuuf gahoomsuurratti fuulleffanna. Morkii yaadaa seeraafi sirna diriireen hogganamee, siyaasa ammayyoome lafa qabsiisuuf akka gumaachu gochuurratti cichinee hojjenna.
Namni martinuu dirree nagaafi bilisaa ga’ee dhuunfaa isaa keessatti gumaachu argatee, ijaarsa biyyaa keessatti qooda isaa akka bahatuuf ni hojjenna.
Afraffaarratti ammoo obbolummaa akka utubaa cimaa ijaarsa Oromiyaafi Itoophiyaatti qabannee hojjenna.
Obbolummaa cimaan annisaa tokkummaa sab-daneessummaati. Obbolummaan ummattoota Itoophiyaa wadaroo jaalalaatiin kan hidhameefi salphaatti kan hin diigamnee dha. Rakkinaafi bal’ina, beelaafi quufa, hanqinaafi irraa hafaa, dukkanaafi ifa hedduu keessatti qoramee kan har’a ga’ee dha.
Utubaan ijaarsa Oromiyaa shanaffaafi inni dhumaa wal-qixxummaa dha.
Dirree wal-qixxummaan hin jirre keessatti dorgommii haqa qabeessa gochuun hin dandaa’amu.
Hirmaannaa dhuunfaafi gareen taasifamu kamuu seerota taphaa madaala eegsisuu dandaa’aniin kan hogganamu akka ta’uuf hojjenna.
Sirna eeggattummaafi dhibaa’ummaan akka maseenuufi kakahumsiifi quuqamni akka dagaagu gochuu danda’u uumuudhaan, lammiin martinuu dirree irratti bobba’e keessatti akka milkaa’uuf ni hojjetama.
Madaalli walqixxummaa bu’uura hojjetanii argachuufi dadhabbii ofiitiin jiraachuurratti kan hundaa’u ta’a.
Dagaleen obbolummaa ummattoota Itoophiyaa jaalala, dhiifama, obsaafi gara bal’ina waan ta’eef, taatee tibba tokkootiin kan manca’u miti.
Sababa kanaaf, shira diigumsaa yeroo dheeraatiif xaxamaa ture dandamatee har’a kan ga’eefi caalmaatti ijaaramee kan ba’eefis kanumaaf.
kanaafuu barri kun obbolummaan ummattootaa caalmaatti akka jabaatuufi bu’uura cimaarra akka dhaabbatuuf, duudhaalee waliin jireenyaa, waliif birmannaa, waliin misoomuufi guddachuutiin akka utubamuuf bara cimsinee itti hojjennu ta’a.
Utubaan ijaarsa Oromiyaa shanaffaafi inni dhumaa wal-qixxummaa dha. Dirree wal-qixxummaan hin jirre keessatti dorgommii haqa qabeessa gochuun hin dandaa’amu.
Hirmaannaa dhuunfaafi gareen taasifamu kamuu seerota taphaa madaala eegsisuu dandaa’aniin kan hogganamu akka ta’uuf ni hojjenna.
Sirni eeggattummaafi dhibaa’ummaan akka maseenuufi kakahumsiifi quuqamni akka dagaagu gochuu danda’u uumuudhaan, lammiin martinuu dirree irratti bobba’e keessatti akka milkaa’uuf ni hojjetama. Madaalli walqixxummaa bu’uura hojjetanii argachuufi dadhabbii ofiitiin kan ilaalamu ta’a.
Dhumarrattis, geengoo qormaataa keessa teenyee kutannoo bara kana waan karoorfanne ittiin raawwanne faana wayita ilaallu, galmoota badhaadhinaa gurguddoo qabanne milkeessuuf homtinuu nu dhaabuu akka hin dandeenyen hubadha.
Dinagdee keenya ammayyeessuufi guddisuun ummata keenya jireenya qananii jiraachisuuf karoorfanneerra.
Dhaloota barnootaan qarree, hojii beekumsaafi dandeettiin raawwachuudhaaf daandii boochoo qabannee hojjechuu itti fufna.
Barnoota Sirna Gadaa bifa idileen kaariikuulamii barnoota sadarkaa hundaarratti waggaa kanaa kaasee jalqabu cimsuufi aadaa fi seenaa ummata keenyaa caalmaatti dagaagsuufi bebbeeksisiidhaan dhaloota eenyummaasaatiin boonuufi biyyaa isaa ijaaruu keessatti adda durummaan hojjatu bal’naan horachuufiis xiyyeeffannaa addaatiin hojjachuu itti fufna.
Ol’aantummaa seeraafi nageenya amansiisaa mirkaneessuudhaan naannoo keessatti hojjetanii durooman uumuun ga’ee hunda keenyaati.
Sirna bilisummaa, haqummaa, demokraasii, obbolummaafi wal-qixxummaa mirkaneessu ijaaruudhaan gahumsa raawwii keenyaa guddisaa deemuun filannee qofa osoo hin taane, gaaffiifi fedhii ummata keenyaa deebisuuf kan murteessinee dha.
Kanaafuu, miiraafi miilla keenya daandii Idaa’amuurra kaa’uudhaan waliin jireenya, jaalalaafi tokkummaa cimsuudhaan galmoota badhaadhinaa milkeessuuf haa hojjennu dhaamsa jedhu dabarsuun fedha.
Carraa kanaan, barri haaraan motummaa fi ummanni gamtoofnnee miira haaraa fi kaka’umsa olaanaan hojiilee gurguddoo badhaadhina keenyaaf bu’uura cimaa ta’uu danda’aniifi fayyadamummaa ummata keenyaa sadarkaa ola’anaan mirkaneessan kan itti hojjannu, imala daandii ida’amuutiin jalqabne daran kan itti saffisiifnu, bara nagaa, milkii, injifannoo fi badhaadhinaa akka nuuf ta’uu hawwiin qabuun ibsa.
Barri Quufaafi Gabbina!
Oromiyaa ni ijaarra
Ityoophiyyaa ni Utubna
Gaanfa Afrikaa ni Tagabeessina
Waaqayyos nu gargaara!
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.