Obbo Shimallis Abdiisaan Ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)-Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Dhalachuu Gooftaa Yesuus Kiristoosiin araarri Namaafi Waaqa gidduutti ta’e ta’e jedhan ergaa isaaniin. Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

Waaqayyo jalqabatti lafaafi samii uume. Macaafni qulqulluun akka dhugaa bahettis waaqayyo dgala nama ofii isaatti aansuudhaan akka bifaafi fakkaattii isaatti uumuun ofitti aansee uumama hundumaa irratti aangoo kenneefii lafa eebbaaf badhaadhinaa, boqonnaa gaariifi ulfinaan guute jannata Eden keessa akka jiraatuuf eeyyameefii ture.

Haata’u malee, namni akka fakkeenya waaqayyootti ulfinaafi kabajaaf uumame seeraafi qajeelfama uumaan isaaf kenne dagachuun jannata Eden keessaa baafamee biyya lafaa rakkinaafi qormaataan guute kana keessa akka jiraatu ta’e.

Namni ulfinaafi kabaja guddaaf uumame kun garbummaa hafuura hamaa jala galuu qofa osoo hin taane abdii bara baraa dhabee fuula waaqayyootii ari’ame seexana faana daandii gara qilee abidda jaannaba geessu irra imale. Imalli ilmoo namaa kun waaqayyoon waan gaddisiiseef nama ta’ee ofii dhalachuun birmadummaa deebi’ee hin banne gonfachiisuuf murteesse.

Sagaleen misiraachoo karaa ergamaa waaqaa namaatti himame kun Beeteliheem mandara Yihuudaa keessatti eega dhugoomee har’a waggaa 2015 guuteera.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa kan biyya keessaafi ala jirtan hundi baga guyyaa seena qabeessa ulfinaafi kabajaan guute guyyaa yaadannoo dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin nagaan geessan jechuun barbaada.

Dhalachuun Iyyesuus Kiristoos kiristaanota biratti abdii, kakuu haaraafi araaramuu namaafi waaqaa akkasumas birmaduu bahuu ilma namaa hundaati jedhamee amanama. Dhalachuu isaatiin dhalli namaa garbummaa seexanaa jalaa bilisa bahee du’a bara baraa jalaa gara jireenya bara baraatti cehe.

Dhalachuun isaa maaddii dhiifamaa, jaalalaafi tokkummaa akka ta’e macaafni qulqulluun dhugaa ba’eera. Daandiin ifaa, jaalalaafi tokkoomuu akkasumas karaan jireenya dhugaa dhalachuu Iyyesuus Kiristoosiin ilma namaaf kenname kun araaraafi dhiifama akka ta’e  nu barsiiseera.

Biyya keenyatti daandiin wal kuffisanii darbuufi wal qoqqooduu umurii dheeraa kan qabuufi dhiifama gochuurra jibbiinsa babal’isuu, wal utubuurra sababa barbaadanii wal diiguu, kabaja wal dhorkuufi wal-salphisuun dagaaguun akkasumas safuufi naamusni hawaasaa cabuun har’a qormaata hamaa keessa nu galchee jira.

Imala hammeenyaa gadi fagoofi shiraan guutame kana geeddaruun biyya nagaafi tasgabbii qabdu, ijaarsi sirna dimokiraasiifi badhaadhinni lammiilee keessatti dagaage ijaaruuf imala jalqabne abdii kuttanna tokko malee ummata keenya waliin harka wal qabannee itti fufna.

Waaqayyo karaa ilma isaa Yesuusiin ofii aarsaa kaffaluun biyya lafaa irratti nagaa, jaalalliifi dhiifamni akka dagaaguuf hojii hojjete irraa barachuun walii keenya jidduutti akkasumas biyya keenyatti dhiifamni, nagaafi araarri akka baay’atuuf laphee qulqulluun hojjechuu qabna. Araarrii, dhiifamni, nagaafi jaalalli aarsaa malee akkanumaan dhufuu akka hin dandeenye waaqayyoo ni beeka ture; kanaafis aarsaa kaffaluun fakkeenya ta’e.

Nutis waggoota afuriin dura daandii walwaraansaa cufuun yaadama jaalalaan ida’amnee dhiifamaan haa ceenu jedhu qabachuun imalli jalqabne aarsaa qaqqaalii nu kaffalchiisus Itoophiyaan daandii injifannoo irra akka imaltu taasisaa jira.

Garaa garummaan nuti qabnu akkuma jirutti ta’ee biyya waliin ijaarre keessa nageenyaan waliin jiraachuuf qofa osoo hin taane biyya wal qixxummaa, obbolummaafi sab-daneessummaan keessatti mirkanaa’e taasisuuf  jaalalaan ida’amnee dhiifamaan cehuun qormaata biyya keenya mudateef furtuudha.

Kanaafis dallaa jibbiinsaa diignee riqicha jaalalaa ijaaruu irratti cichinee hojjechaa turre; hojjechuu irrattis argamna.

Hordoftoonni amantaa Kiristaanaa hundi duudhaafi barsiisa gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos irraa dhaalleen dhiifama waliif gochuu, kan kufe kaasuu, kan beela’e nyaachisuu, kan daare uwwisuu, kan dhukkubsate gaafachuu, jaalala qajeelummaa qabu walii keenyatti agarsiisuun nageenya biyya keenyaa milkaa’aa taasisuu keessatti qoodnii keenya guddaa ta’uu ibsuun barbaada.

Imala jijjiiramaa eegalame milkeessuun biyya ijaarsa dimokiraasiin milkoofteefi badhaadhina dam-daneessa gonfatte arguufis tumsi ummanni Oromoofi Itoophiyaa taasisaa jirtan utubaa Itoophiyaa haaraa akka ta’e irra deebi’ee ibsuun barbaada.

Ayyaana dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan bara kanaa wayiita kabajnu laphee keenya dhiifamaaf bannee jaalala, nagaafi obbolummaa lallabuu qabna.

Ummanni keenya duudhaa jaalalaafi dhiifamaa qabutti fayyadamuun milkaa’ina marii biyyoolessaaf akka hojjetu akkasumas hojiiwwan misoomaa, nageenyaafi ijaarsa sirna dimokiraasii eegalame fiixaan baasuufi sirna federaalizimii sab-daneessa jabeessuun egeree keenya waliin akka miidhaksinu waamicha koon dabarsa. Ayyaanichi hordoftoota Amantaa Kiristaanaafi ummata keenya hundaaf kan nagaa, jaalalaafi tokkummaa akka ta’u hawwaa irra deebiin baga ittiin isin ga’e jechuun barbaada.

Shimaallis Abdiisaa

Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment