Obbo Shimallis Abdiisaa Ayyaana Moolidaa Bara Kanaa Sababeeffachuun erga baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) – Preezdaantii Buulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Ayyaana Moolidaa Bara Kanaa Sababeeffachuun erga baga geessanii dabarsan.

Kabajamtoota hordoftoota Amantaa Isilaamaa

Kabajamaa Ummata Biyyaa fi Naannoo Keenyaa Sirna Kabaja Ayyaanaa Waliin Qooddattan Hundaaf

Duraandursee, baga guyyaa kabaja ayyaana dhaloota Nabiyyuu Mohaammad kan bara 2013 Waggaa 1495ffaaf kabajamu nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun fedha.

Hordoftoota amantaa Isilaamaa biratti sirna ho’aadhaan kan kabajamuufi ayyaanota ummataa akka biyya keenyaatti kabajaman keessaa tokko kan ta’e ayyaanni moolidaa ykn ayyaanni dhaloota Nabiyyuu Muhaammad, mallattoo gamtaafi walitti dhufeenya ummattoota biyya keenyaati.

Seenaa keessatti labata dhaloota Ishmaa’el ilma Abrahaam akka dhufe kan himamu Nabiyyuu Muhaammad, Makkaa Madiinaatti dhalatee abbaa amantaa Musiliimaa fi qopheessaa kitaaba Quraanaa akka ta’etu amanama.

Guyyaan dhaloota Nabiyyuu Muhaammad kun hordoftoota amantaa Isilaamaa idil-addunyaa hedduu biratti akka guyyaa qulqulluufi kabajaatti ilaalama. Kanaafis, sirna yaadannoo gurguddaafi wal harkaa fuudhiinsa dhalootaa agarsiisaniin kabajama.

Nabiyyichi dhalatee umriinsaa waggaa 40 yammuu ga’u ergamaa Rabbiirraa ergaa fudhatee Quraana akka barreesseefi barsiisuu eegaletu himama. Sababa kanaan, hordoftoonni amantaa Musliimaa hedduun guyyaa kana yammuu yaadatan,

Quraana keessaa luqqisii dubbisuun dhaloota barsiisuufi daandii sirrii qabsiisuurratti fuulleffatanii kabaju. Keessattuu, hamaa akka hin yaanne, waan namaa akka hin hawwine, haqa akka hin dabsine, waaliif akka yaadaniifi gaddan, kan daare akka uwwisan, kan beela’e akka nyaachisan barsiisu.

Duudhaa waliif birmannaafi waliif yaaduu kun guyyaa ayyaana moolidaa qofa osoo hin taane, itti fufiinsa dhalootaa keessatti barsiifata gaarii ittiin hogganamaniifi abboommii amantichaa ittiin gaafataman ta’uutu amanama.

Duudhaan kun hordoftoota amantichaa bira darbee, qajeeltoo hawaasni bal’aan keessatti of ilaaluufi jiruufi jireenya guyyaa guyyaasaa ittiin madaalu ta’uurra ga’eera. Kana bira darbees, aadaa ummanni ittiin waliif birmatuufi wal bira dhaabbatu ta’uus danda’eera.

Kanaafuu, ayyaana bara kanaa yeroo kabajnu duudhaafi sona guddaa qabnu kana yaadachaa, rakkoowwan uumamaafi nam-tolchee nu mudachaa jiran keessaa ba’uuf akka tumsinu carraa kanaan dhaamuun fedha.

Hordoftoota amantaa Isilaamaafi ummata naannoofi biyya keenyaa bara kana sababa weerara dhibee Koronaafi rakkoowwan jijjiirama qilleensaa waliin wal qabatanii uumaman dandamachuuf humna qabdan hundaan waliif birmachaafi wal bira dhaabbachaa baataniif galata guddaan qabu maqaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatiin ibsuun barbaada.

Kanuma faana, duudhaa guddaa ijaarsa ummataa, biyyaafi sirnaa keessatti qooda ol’aanaa gumaachuu danda’u kana caalmaatti akka dagaagsinuufi itti fayyadamnu ergaakoon dabarsa.

Xumurarrattis, ayyaanichi kan nagaa, gammachuufi badhaadhinaa isiniif yaa ta’u jechaa, kan kaleessaarra har’a duudhaan wal hubachuu, waliif yaaduufi waliin hojjechuu yeroo itti barbaachisurra akka geenye yaadachiisuun fedha.

Keessattuu, bara kana sababa weerara awaannisaa akka gaanfa Afrikaatti uumameen biyyaafi naannoon keenya qormaata hamaa keessa turte.

Tumsa hanga hammaatiin hojii hojjetameen sadarkaa dandamannaarra kan geenye ta’us kan xumurame miti.

Dabalataanis, tilmaama meetoroloojii amma jiruun roobni yeroosaa hin eegne uumamuu waan danda’uuf sassaabbii midhaanii irratti tumsa baratame gochuun oomisha keenya qiisaasamarraa akka baraarrun dhaama.

Ayyaana Gaarii!

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment