Obbo Shimalliisii fi Dr Qana’aan deeggarsa jiraattoonni godina Arsii fi magaalaa Asallaa taasisan harka fudhan

Finfinnee, Sadaasa 5, 2013 (FBC)- Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimalliis Abdiisaa fi Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Dooktar Qana’aa Yaadataan deeggarsa jiraattoonni godina Arsii fi magaalaa Asallaa raayyaa ittisa biyyaaf taasisaan harka fudhaniiru.
Halleella gareen ABUT qaqqabsise balaaleeffachuun magaalaa Asallaattiis hiriirri gaggeeffameera.
Hiriiricharratti jiraattoonni godina Arsii fi magaalaa Asallaarra walitti babba’aan hirmaataniiru.
Mootummaa olaantuummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii eegalee cimsee akka itti fufuu eeruun, kanaafis deeggarsa akka taasisaan ibsaniiru.
Afawaarq Iyyaayuutu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment