Obbo Ristuun Ityoophiyaatti bakka bu’aa Dhaabbata Qonnaa fi Nyaataa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaaw Ityoophiyaatti bakka bu’aa dhaabbata qonnaa fi nyaataa Addunyaa Misiisi Faaraayi Ziimuudizii waliin mari’ataniiru.

Obbo Ristuun Ityoophiyaan damee qonnaa guddisuun wabii nyaataa mirkanneessuuf dhaabbilee Idil Addunyaa waliin hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Misiisi Faaraayi Ziimuudiziin gama isaaniin,dhaabbaatichi Ityoophiyaa dabalaatee biyyoota Afrikaa Bahaa 8 wabii nyaataa mirkanneessuu fi gama qonnaanis uwwisaa deeggarsa taasisaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Nannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment