Obbo Ristuu Yirdaaw Proojektoota misoomaa Godina Guraageetti hojjetamaa jiran daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Naannoo Ummattoota Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw Proojektoota misoomaa Godina Guraageetti Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 83.5 oliin hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Lafa hektaara kuma 1 fi 660 misoomsuu kan danda’u proojektiin misooma jallisii Kareeb ijaarsi isaa % 62 xumuramuu ibsameera.

Mootummaan naannichaa milkaa’ina proojektoota kanneeniif xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu obbo Ristuun ibsaniiru.

Hawaasni hojiilee misoomaa hojjetamaa jiran milkeessuuf qooda isaanii akka ba’an obbo Ristuun gaafachuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Naannichaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment